9
Muraa Diinota Israa'elii Irratti Dhuttu
1 Dubbiin mura'aa ta Mootii Waan Maraa
marroo biyya Hadraakiitiif dubbate
qachaa Damaasqo'oolle geette.
Ilti namootaatii fi gosa Israa'elii duudiin
gara Mootii Waan Maraa hin ilaalti.
2 Haamaati ta meessaa isaanii jirtu,
Xiiroosii fi Sidoon guddoo qaroolee te'anulle
gara isaa hin ilaalan.
3 Xiiroos kushee ijaarratteerti;
meetii akka biyye'ee,
worqii akka dhoqqee karaa keessaa tuulatteerti.
4 Mootiin Waan Maraa ammoo
waan isiin qaddu mara irraa hin mulqa;
karra isi'ii mara
gara abbaaya'aa hin gata;
isiille ibiddaan gubattee hin baddi.
5 Worri Ashiqalonii
tana dhaggee hin sodaata;
worri Gaaza'aalle hin hollata.
Worri Eqroonille addii hin kutata;
worra Gaaza'aa keessaa mootiin hin dhabama;
Qachaan Ashiqalonii hin ona.
6 Kolbaan makante qachaa Ashidoodii keessa hin leeti.
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dande'u,
«Ani koora Filisxeemotaa hin balleessa.
7 Isaan haganaa achi foon dhiiga qabu
yookiin sagalee dhooggante hin nyaatanu.
Worri hafe Waaqa keennaaf hin te'a,
biyya Yihuda'aa keessatti sooreyyii hin te'an.
Worri Eqroonille akkuma worra Yibusootaa hin te'a.
8 Ani mana kiyya,
saantota irraa hin eegadha.
Ani ila tiyyaan isaan waan eeguuf,
nami isaan miicu,
haganaa achi deebi'ee isaan keessa hin bayu» jedha.
Mootii Xiyoonii Ka Dhufu
9 Kolbaa Xiyoonii, guddoo gammada'a!
Kolbaa Yerusaalemii, ilillisa'a!
Kunoo, mootichi keessan balchaan,
injifataan, gad ifi qabee,
ilmayyoo harre'ee irraa tee'ee,
gara keessan hin dhufa.
10 Mootiin Waan Maraa,
«Ani Garreettaa fardaa Efreem keessaa,
fardoo lolaa Yerusaalem keessaa hin balleessa.
Guubeen lolaalle hin baddi;
Mootichi keeti gosa biyya adda addaatiif,
nageya hin lassa.
Bulchiisi isaa abbaayaa irraa,
haga abbaaya'aa,
laga Efraaxiisii irraa
haga dhuma lafaa ti.
Adde'etti Deebi'iisa Kolbaa Waaqaa
11 «Isiniif sababa gondooroo tiyya,
ta dhiigaan isin woliin gondooreetiif jedhee,
worra hidhamane keeti,
boolla bisaan hin qanne keessaa,
bilisa hin baasa.
12 Isin worri hidhantanee, addi'iin jirtanu,
gara addee nageyaa teessanitti deebi'a'a;
ani adha addee duriititti
dachaa lama isiniif hin deebisa.
13 Ani Yihudaa akka guube'eetitti,
Efreem akka daayaatitti,
namoota Giriiki'ii loliisaaf,
ilmaan Xiyoonii
akka shallaaga'aatitti hin fayyadama» jedha.
14 Mootiin Waan Maraa
kolbaa ifiitiin gubba'atti hin mudhata;
daayi isaa akka balaqqeetti'ii hin utaala.
Mootiin Waan Maraa Waaqi
qoonqoo tultulla'aa hin dhageessisa;
bubbee gara kibbaa keessa,
itti hin ideema.
15 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,
kolbaa ifii irraa hin dhoogga;
isaanille dhakaa looyya'aatiin*Looyya'aatiin: Lafa tokko tokkotti yanbarsaatiin jedhama. diina ifii hin balleessan;
akka nama daadhii woyni'ii unee machowee hin iyyan;
akka qorii dhiiga ittiin fiffixanu ta roga addee ciinca'aa
hin guutaman.
16 Gaafas Mootiin Waan Maraa Waaqi isaanii
akka tisseen horii ifii waan hantuu irraa fayyisu
kolbaa ifii hin fayyisa.
Isaan akka dhakaa gatii guddo'oo
ka kallacha irraa
lafa isaa keessatti hin calalaqan.
17 Latti attam attam Shagga'aa fi dansa'a!
Midhaanii fi daadhiin woyni'ii ta isii irraa dhaggantu,
Dargaggeeyyii dhiiraatii fi durraa
hin bisileessiti.