16
Manna'aa fi Barbadi-kille
1 Kolbaan Israa'elii marti biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba, ji'a lammeesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'oo, Eliimii ka'anee gara goomolee Siinii ta Eliimii fi gaara Siina'aa wodhakkaa jirtuu dhufane.
2 Kolbaan Israa'elii marti goomolee san keessatti Muuse'ee fi Aaronitti gungumanee,
3 isaaniin, «Achi biyya Gibxi'ii keessatti okkotee foonii cinaa teennee, daabbo'oo fi foon haga feene nyaataa harka Waaqaatitti adoo dhumannee nuu woyya. Isin ammoo kolbaa duudii goomolee tana keessatti beelaan fixiisaaf as fiddane» jedhane.
4 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo ani amma sagalee ol gubbaa irraa gad isiniif roobisiisa; kolbaalle gad baatee, guyyuma guyya'aan ta guyyaa tokkoof teetu qofa guurattuu ti. Ani tanaan akka isaan ajaja kiyya eegatanu haga isaan ilaala.
5 Guyyaa jayeesso'oo, ka qara guyyaa tokkoof guuratanu san harka lama guuratanuu ti» jedhe.
6 Maarre Muuse'ee fi Aaronille Israa'eloota maraan, «Biyya Gibxi'ii keessaa ka isin baase Mootii Waan Maraa akka te'e, galgala adhaa hin beettan;
7 Inni gungunsuu isin isa irratti gunguntane waan dhage'eef, boru ganama ulfinna Mootii Waan Maraa hin dhaggitan; nuuti womaa moti; isa irratti gunguma'a malee, nu irratti hin gungumina'a» jedhane.
8 Achiin duuba Muuseen, «Mootiin Waan Maraa gungunsuu isin isa irratti gunguntane waan dhage'eef, galgala foon isin nyaattanu, ganama daabboo isin barbaaddanu mara yennaa isinii kenne, akka inni Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. Nuuti womaa moti; isin isa irratti gunguntane malee, nu irrattii moti» jedhe.
9 Achiin duuba Muuseen Aaroniin, «Kolbaa Israa'elii maraan, ‹Mootiin Waan Maraa gungunsuu teessan waan dhage'eef, fuula isaa dura dhikaadha'a› jedhiin» jedhe.
10 Aaron kolbaa Israa'elii maratti adoo dubbatiisatti jiruu, isaan gara goomole'ee ilaalanee, achitti ulfinni Mootii Waan Maraa duumensa keessatti mudhate.
11 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
12 «Ani gungunsuu Israa'elootaa dhage'eera. Ati isaaniin ‹galgala adhaa dimimmisa foon hin nyaattan; ganama daabboo hin quuttan; achiin duuba ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'e hin beettan› jedhiin» jedhe.
13 Galgala san barbadi-kille dhuttee addee quttumaa guutte; ganama fixeensi adaala addee quttumaa san jiraayyu.
14 Yennaa fixeensi bu'e, solloqqeen hephelleen dhakaa roobaa fakkaattu, diida lafa goomole'ee irratti mudhatte.
15 Israa'elooti yennaa waan san dhaggite, maan akka te'e waan hin beenneef, «Wonni kun maan inni?» jedhanee wol gaafatane.
Muuseen isaaniin, «Wonni kun akka isin nyaattanuuf, daabboo Mootiin Waan Maraa isiniif kenne.
16 Mootiin Waan Maraa, ‹Tokko tokkoon keessan haga isiniif barbaachisu guuradha'a. Nama dunkaanii teessan keessa jiru tokko tokkoofuu Omeera tokko fuudha'a› jedhee ajajeera» jedhe.
17 Israa'elootille akkuma isaanitti himame tolchane; gariin bacaa, gariin diqquma guuratane;
18 yennaa safaratane, ka bacaa guurrateef irraa hin hanneef; ka diqqeessee guurateefille irraa hin dhidhanne; nami tokko tokkooyyuu haguma isaaf barbaachise guurate.
19 Achiin duuba Muuseen isaaniin, «Nami tokkolle waan guurate san boruuf hin bulfatin» jedhe.
20 Te'uu malee worri gariin jecha Muuse'ee dhageettaa didee, waan guurate san irraa boruuf bulfate; wonni sun ammoo corroqottee ajootte; Maarre Muuseen isaanitti aare.
21 Ganama ganama nami martinuu haga nyaataaf isaanii barbaachisu guuratane; yennaa aduun o'ite wonni sun baxxe.
22 Guyyaa jayeesso'oo nami martinuu litirii lama, dachaa lama guurate; sooressitooti kolba'aa gara Muuse'ee dhufanee waan kana isatti himane;
23 innille deebisee isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, guyyaan boruu isaaf woyyoomee guyyaa fooraa akka te'u ajajeera; tanaaf adhuma waan bilcheeffattanu bilcheeffadha'a, waan iffeelattanulle iffeeladha'a; waan hafe haga boru ganamaatitti maffadha'a» jedhe.
24 Isaanille akkuma Muuseen ajaje haga ganamaatitti maffatane; wonni sunille hin ajoonne yookiin hin corroqoonne.
25 Muuseen, «Adha kanuma nyaadha'a; sababille guyyaan adhaa Sanbata guyyaa fooraa ka Mootii Waan Maraatiif woyyoome waan te'eef, waan nyaattanu kana adha tokkolle lafa irratti hin dhaggitanu.
26 Guyyaa jaa waan nyaataa kana guuradha; guyyaan torbeesso'oo, guyyaa fooraa Sanbata ammoo wonni tokkolle hin jiraattu» jedhe.
27 Te'uu malee, guyyaa torbeesso'oo san worri gariin waan nyaatanu san guuratiisaaf yaa'ane; ammoo waan tokkolle hin dhagganne.
28 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Isin haga yoomii ajajaa fi seerata kiyya eegatuu diddan?
29 Ani Mootiin Waan Maraa guyyaa fooraa Sanbata akka isiniif kenne qalbeeffadha'a; tanaaf ani gaafa guyyaa jayeesso'oo waan nyaattanu ta guyyaa lamaa isiniif kenne. Guyyaa torbeesso'oo eennulle addee jiru turuu ti malee, qe'ee ifiitii hin bayin» jedhe.
30 Maarre guyyaa torbeesso'oo kolbaan foorfatte.
31 Kolbaa Israa'elii waan nyaatanu saniin «Mannaa» jette. Wonni sun adii akka midhaan dinbilaalaa, mi'aan isaalle akka daabboo dammaan hujantee ti.
32 Muuseen, «Mootiin Waan Maraa, ‹Biyya Gibxi'ii keessaa yennaa isin baase, lafa goomole'ee keessatti mannaa isin nyaachisaa ture kana, dhalooti dhufulle akka dhagguuf, mannaa kana irraa Omeerii tokko massa'a› jedhee ajajeera» jedhe.
33 Maarre Muuseen Aaroniin, «Okkotee fuudhiiti, mannaa litirii tokko itti naqi. Achiin duuba fuula Mootii Waan Maraa duratti, dhaloota dhufuuf massi» jedhe.
34 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, Aaron mannaa san Saanduqa Gondooro'oo duratti masse.
35 Israa'elooti lafa itti qubatane Kana'aan haga geyanutti woggaa afurtama mannaa nyaatane.
36 Omeeriin tokko eefaa harka kudhan keessaa harka tokko.