17
Bisaan Rassaa Keessaa Burqe
Kolbaan Israa'elii marti akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje goomolee «Siin» jedhantuu ka'anee, addee takka irraa gara addee takkaa adoo deddeemanuu, lafa «Refiidiim» jedhantu qubatane; addee san ammoo bisaan unanu hin jiru. Tanaaf isaan «Bisaan unnu nuuf kenni» jedhanee Muuse'etti moromaa kaasane.
Muuseen deebisee, «Isin maaf moromaa natti kaachan? Mootii Waan Maraalle maaf haga ilaaltan?» jedhe.
Kolbaan ammoo akka malee dheebottee, «Nuuti, ijoolleen teennaa fi horiin keenna dheebu'uun akka dhumannuuf ati biyya Gibxi'ii keessaa nu baattee?» jedhanee Muuse'een wol dhabane. Achiin duuba Muuseen, «Ani kolbaa tana maan godha? Kunoo isaan dhaka'aan na tumiisaaf qopheeffataneeran» jedhee, gara Mootii Waan Maraa iyye.
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Sooressitoota kolbaa Israa'elii keessaa garii fudhadhuutii, ulee teeti ta laga Nayiliitiin dhoottelle qabadhuutii, kolba'aan dura deemi. Anille gaara Siina'aatitti rassaa irra si dura hin dhaabbadha; ati rassaa san hin dhootta; akka kolbaan untuuf, bisaan rassaa san keessaa hin burqa» jedhe. Muuseelle sooressitoota Israa'elii duratti akkasuma godhe.
Israa'elooti, «Mootiin Waan Maraa nu woliin jira moo hin jiru?» jedhanee, moromaa waan kaasaneef, Muuseen maqaa addee sanii, «Mariibaa»* jedhee moggaase; Mootii Waan Maraalle haga waan ilaalaneef, inni maqaa addee sanii, «Maasaa» jedhee moggaase.
Amaaleqooti Israa'eloota Lolte
Amaaleqooti Refiidiim dhuttee Israa'eloota lolte. Muuseelle Iyaasu'uun, «Namoota keenna keessaa filiitii dhaqii Amaaleqoota loli. Anille ulee Waaqi akka ani bilbaasa ittiin hojjadhuuf naaf kenne qabadhee kooba gubbaa hin dhaabbadha» jedhe. 10 Iyaasuulle akkuma Muuseen isa ajaje dhaqee Amaaleqoota lole; Muuseen, Aaronii fi Huur kooba gubba'atti ol bayane. 11 Yennaa Muuseen harka ifii ol kaase, Israa'elooti injifataa turte; yennaa inni harka ifii gad buufate ammoo Amaaleqooti injifataa turte. 12 Harki Muuse'ee yennaa dadhabu, Aaronii fi Huur dhakaa fidanee isa jala keyane; innille irra tee'e. Tokko gara middaatiin, kuun gara bita'aatiin haga aduun seentutti, harki isaa akka gad hin buune kiphane. 13 Akka kanaan Iyaasuun shallaaga'aan Amaaleqoota injifate.
14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Yennaa maraaf qaabbii akka teetu dabarsii injifannoo tanaa kitaaba maramaa kana irratti barreessi. Anille Amaaleqoota ijjumaa lafa irraa akka balleessu Iyaasu'utti himi» jedhe. 15 Muuseen addee ciinca'aa ijaaree, «Mootiin Waan Maraa baandiraa kiyya» jedhee moggaase. 16 Itti dabaleelle, «Harki kiyya gara barcumaa mootumma'aa ka Mootii Waan Maraa waan diriirfameeruuf, Mootiin Waan Maraa dhalootaa haga dhalootaatitti Amaaleqoota hin lola» jedhe.
* 17:7 Mariibaa: Afaan Ibrootaatiin moromaa jechu'u. 17:7 Maasaa: Afaan Ibrootaatiin haga ilaaluu jechu'u.