18
Yetro Gara Muuse'ee Dhaqe
Hayyichi worra Miidiya'aa Yetro, abbaan sodda'aa ka Muuse'ee, waan Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi kolbaa Israa'eliitiif godhe, attam akka inni biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase dhage'e. 2-3 Muuseen niitii ifii Siiforaa ifi biraa deebiseen duuba, abbaan sodda'aa ka isaa isi'ii fi ilmaan isi'ii lamaan ta isiin Muuse'eef deette gara ifii fudhate; maarre Muuseen, «Ani biyya ormaatitti alagaa te'eera» jedhee, ilma ifii angaficha, «Gershoom» jedhee maqaa baase. Ilma lammeesso'oolle, «Waaqi abbaa kiyyaa, qarqaaraa kiyya; shallaagaa mooticha Gibxi'ii jalaa na baaseera» jedhee, maqaa isaa, «Elii'ezer» jedhee baase. Abbaan sodda'aa ka Muuse'ee Yetro, niitii Muuse'eetii fi ilmaan isaa lamaan woliin goomolee keessa, gaara woyyicha bira addee inni qubateerutti, gara Muuse'ee dhaqe. Yetro, «Ani abbaan keeti ka sodda'aa Yetro, niitii teetii fi ilmaan isi'ii lamaan woliin gara keeti dhufiisatti jira» jedhee, itti erge. Maarre Muuseen abbaa soddaa ifii qophatiisaaf, gad bayee, isaaf sagadee, sunqate; isaan nageya wol fuudhanee, achiin duuba gara dunkaani'ii ol seenane. Achiin duuba Muuseen marroo waan Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiif jedhee, mooticha Gibxi'iitii fi kolbaa Gibxi'ii irratti huje, rakkinna karaa irratti isaan dhaqqabe mara, Mootiin Waan Maraa attam akka isaan baaselle abbaa soddaa ifiititti hime. Abbaan sodda'aa ka isaa Yetro, Mootiin Waan Maraa harka worra Gibxi'ii keessaa isaan baasiisaan, waan dansaa inni Israa'elootaaf godhe maratti gammadee, 10 «Mootiin Waan Maraa ka harka mooticha Gibxi'iitii fi worra Gibxi'ii jalaa isin baase, ka harka worra Gibxi'ii jalaa kolbaa baase leellifamuu ti. 11 Worra Gibxi'ii ka Israa'eloota kooraan rakkise irratti inni waan kana waan tolcheef, akka Mootiin Waan Maraa waaqota mara caalu ani amma beeke» jedhe. 12 Achiin duuba abbaan sodda'aa ka Muuse'ee, kennansa gubamuu fi ciincaa dhibii Waaqaaf fide; Aaron jaarsolee Israa'elootaa mara woliin abbaa sodda'aa ka Muuse'ee woliin Waaqa duratti sagalee woyyittii san nyaatiisaaf dhufe.
Filamiisa Abbootii Mura'aa
13 Guyyaa itti aanu Muuseen kolba'aaf muraa kenniisaaf tee'e; isaanille ganamaa haga galgalaatitti isa marsanee dhaabbatane. 14 Abbaan sodda'aa ka isaa, waan inni kolba'aaf tolchiisatti jiru yennaa dhagge, «Wonni ati kolba'aaf tolchiisatti jirtu kun maan? Kolbaan tun marti ganamaa haga galgalaatitti si marsitee dhaabbattuun, ati abbaa mura'aa teetee, maaf qofi teetta?» jedhee gaafate.
15 Muuseen deebisee abbaa sodda'aa ka ifiitiin, «Kolbaan fedha Waaqaa gaafatiisaaf, gara kiyya waan dhuttuuf, ani tana godhe. 16 Isaan yennaa wol dhabane na bira dhufan; isaan keessaa ka dhugaa irra jiru murteessee, seerataa fi seera Waaqaa itti hima» jedhe.
17 Achiin duuba abbaan sodda'aa ka Muuse'ee Yetro deebisee, «Wonni ati tolchiisatti jirru dansa'aa moti. 18 Atii fi kolbaan gara keeti dhuttulle ifi eleessiisatti jirtan; hujiin tun guddoo ulfaattu'u. Ati qofii teeti hujii tana hujuu hin dandeettu. 19 Ani amma gorsa tokko si'iif kenna na caqasi; Waaqi si woliin jiraatuu ti. Ati kolbaa bakka bu'iitii haajaa isaanii Waaqa dura dhikeessi. 20 Ati Seerataa fi seera Waaqaa isaan barsiisi; karaa isaan deemanuu fi waan isaan hujanu itti mudhisi. 21 Garuu kolbaa mara keessaa namoota dandeettii qabanu, ka Waaqa sodaatanu, ka addatamummaa qabanuu fi ka safuu fudhatiisa hin jaalanne filiitii, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa, ajajjoota kudhanii tolchii muudi. 22 Isaan yennaa mara kolba'aaf muraa kennanuu ti; waan isaan dhibe gara keeti fidanuu ti. Waan kasoo isaanummaan murteessanuu ti. Isaan hujii waan si qarqaaranuuf, ba'aan si irraa hin sallatti. 23 Ati yoo tana goote, Waaqille tanuma yoo si ajaje, ati hin eloottu; kolbaalle haajaa ifii guutattee gara mana ifii hin deebiti» jedhe.
24 Maarre Muuseen gorsa abbaa sodda'aa ka ifii dhage'ee, waan inni jedhe mara godhe. 25 Inni Israa'eloota keessaa worra dandeettii qabu filee, sooressitoota kolba'aa akka te'anu, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaatii fi ajajjoota kudhanii tolchee baallii isaaniif kenne. 26 Isaan abbootii mura'aa te'anee kolbaa tajaajilane; haajaa isaan dhibe gara Muuse'ee fidanee, haajaa kasoo te'e ammoo ifumaaf murteessane. 27 Achiin duuba Muuseen abbaa sodda'aa ka ifii Yetro geegessee, abbaan sodda'aa ka isaa Yetro gara biyya ifii deebi'e.