22
Seera Qabeenna Ittiin Eegatanu
1 «Nami tokko qotiyyoo tokko yookiin hoolee hatee yoo qalate yookiin yoo gurgurate, qooda qotiyyoo tokko sanii qotiyyoo shan, qooda hoolee takkattii sanii hoolee afur kaffaluu ti.
2 Hattichi tokko balbala cassee adoo seenuu qabamee tumamee, yoo du'e, dhiiga isaa ka dhangalaafameef gumaan hin jiru.
3 Aduun baateen duuba yoo ijjeefame garuu, ka ijjeese sun yakkaamessa hin te'a.
«Hattichi qabame sun waan hate san kaffaluu qaba; inni womaa yoo hin qabaanne teete ammoo, waan hate san kaffaliisaaf inninuu gurguramuu ti.
4 «Horiin inni hate sun kormi yookiin hooleen yookiin harreen lubbu'uun adoo jiranuu harka isaatitti yoo dhaggamane, waan tokkoof dachaa lama kaffaluu ti.
5 «Nami tokko horii ifii fichaa keessa yookiin oorruu woyni'ii keessa akka dheedanu gad lakkisee, midhaan nama dhibi'ii yoo nyaatane, fichaa ifii dansaa irraa yookiin oorruu woynii ifii dansaa irraa nama saniif kaffaluu ti.
6 «Ibiddi tokko ka'ee daggala qabatee, tuulaa midhaanii yookiin midhaan fichaa keessaa yoo nyaate, nami ibidda qassiise sun gatii midhaan sanii guutuu kaffaluu ti.
7 «Nami tokko beesee yookiin meya ifii akka isaaf massu namatti kennatee, mana nama sanii keessaa hattuun yoo hatte, hatichi sun yoo qabame dachaa lama kaffaluu ti.
8 Hattichi sun yoo dhabame ammoo, abbaan manaa meya nama sanii akka hatee hin jirre kakatiisaaf, abbootii mura'aa dura dhikaatuu ti.
9 «Nami tokko qotiyyoo tokko, harree takka, hoolee takka, woyaa yookiin qabeenna te'e maraayyuu seera malee qabateeruun, ka dhibiin, ‹Kun kiyya› jedhee, moromaan yoo kaate, worri wol morome sun lamaanuu haajaa san abbootiin mura'aa dura dhikeessanuu ti; nami abbootiin mura'aa yakkaa itti murte sun nama saniif dachaa lama kaffaluu ti.
10 «Nami tokko harree takka, qotiyyoo tokko, hoolee takka yookiin horii dhibiille nama bira keyateeruun horiin sun yoo du'e yookiin yoo miidhame yookiin nami adoo hin dhaggin yoo fudhatame,
11 nami horii bira keyatane sun horii nama sanii akka fudhatee hin jirre abbootii mura'aa duratti kakatuu ti; abbaan hori'ii sunille yaada kana fudhatuu qaba; kaffaltiin hin jiraatin.
12 Horiin sun nama bira keyatane san biraa yoo hatamee jiraate ammoo nami sun kaffaluu ti.
13 Horii san bineensi yoo nyaatee jiraate, mirkaneessiisaaf, raqa bineensi nyaatee hafe san dhikeessuu ti; horii nyaatameef kaffaltiin hin jiraatin.
14 «Nami tokko horii nama irraa ergifatee, horii sun adoo abbaan hori'ii sun bira hin jiraatin yoo miidhame yookiin yoo du'e, abbaan ergifate sun kaffaluu ti.
15 Abbaan hori'ii sun yoo bira jiraate ammoo, abbaan ergifate sun hin kaffalin; horiin sun yoo kireeffamee jiraate, beeseen kira'aaf kaffalante sun gatii horii saniitiif kaffalantuu ti.
Seera Ittiin Bulmaataatii fi Seera Dhugeeffanna'aa
16 «Nami tokko durra hin kadhatamin sossobee bantii isi'ii yoo balleesse, maraa isi'ii kennee isii fuudhuu ti.
17 Abbaan isi'ii isaaf kenniisa yoo didate, nami sun goronsa banti'ii kennuu ti.
18 «Dubartiin falfaltu ijjeefantuu ti.
19 «Nami horii woliin rafe ijjeefamuu ti.
20 «Ana Mootii Waan Maraatiif malee, nami waaqota dhibi'iif ciincaa dhikeessu ijjeefamuu ti.
21 «Isinille biyya Gibxi'ii keessatti alagaa waan teetaneertanuuf, alagaa hin miidhina'a yookiin hin cunqursina'a.
22 «Haadha hiyyeessaa yookiin ijoollee abba'aa fi haadha hin qanne gad hin qabina'a
23 Isin yoo isaan gad qaddanee isaan gara kiyya iyyane, dhugumaan ani iyya isaanii hin dhage'a.
24 Ani isinitti aaree, shallaaga'aan isin hin ijjeesa; niitiin teessan haadha hiyyeessaa hin teeti; ijoolleen teessanille ta abbaa hin qanne hin teeti.
25 «Kolbaa tiyya keessaa nama hiyyeessaaf beesee yoo liqeessitane, akka nama dhalaan liqeessuu isatti hin te'ina'a; dhala isa hin gaafatina'a.
26 Woyaa namaa qaddii yoo qabattane, adoo aduun hin seenin isaaf deebisa'a.
27 Wonni inni nafa ifiitiin gollatu tana qofa waan teeteef, maan uffatee rafa ree? Yoo inni gara kiyya iyye, ani mararaa waan te'eef, isaaf hin dhage'a.
28 «Waaqa hin faanshessina'a yookiin bulchaa kolbaa teessanii hin abaarina'a.
29 «Midhaan haammattanee galfattanu keessaa mataa naa kenniisaaf hin rincicina'a.
«Ilmaan teessan keessaa angafa naaf kenna'a.
30 Loonii fi hoolee teessan keessalle'ee akkasuma tolcha'a; isaan guyyaa torba haadha ifii woliin turanuu ti; guyyaa saddeetesso'oo ammoo isaan naaf kenna'a.
31 «Isin kolbaa naaf woyyoonte hin teetan; tanaaf foon horii bineensi ijjeesee sare'eef kenna'a malee hin nyaatina'a.