23
Seera Haqaatii Fi Mararti'ii
«Oduu dharaa hin odeessina'a; dharaan dhugaa bayiisaan nama yakkaamessa hin qarqaarina'a.
«Hantuu hujiisaaf namoota hedduu hin hordofina'a; addee seeraatitti namoota hedduu hordofiisaan haqa hin dassina'a. Hiyyeessi muraa dura yennaa dhikaate, waan inni hiyyeessa te'eef isaaf hin rogina'a.
«Qotiyyoo yookiin harree diina keessanii ta balleya baddeertu yoo dhaggitane isaaf galcha'a. Harreen nama isin jibbuu fe'iisa jalatti jiddeertuun yoo dhaggitane, isa qarqaara'a malee lakkittanee irra hin dabarina'a.
«Hiyyeessi muraa dura yennaa dhikaate, haqa isaa hin dassina'a. Ani yakkaamessa akka nama yakkaa hin qanneetitti hin laakkowu; tanaaf, waan dharaa irraa fagaadha'a; nama yakkaa hin qanne yookiin nama balchaa hin ijjeesina'a.
«Safuun ila worra akka dansaa dhagguu waan balleessituuf, jecha worra balchoole'eelle waan micciirtuuf, safuu hin fudhatina'a.
«Alagaa hin cunqursina'a; isinille biyya Gibxi'iititti alagaa waan teetaneertanuuf, waan alaga'atti dhage'amu isinuu hin beettan.
Seera Sanbataa
10 «Woggaa jaa fichaa keessanitti midhaan facaafadha'aatii galfadha'a; 11 woggaa torbeesso'oo ammoo bulcha'a malee hin qotina'a; waan achi keessaa dhaggamu worri hiyyeeyyiin kolbaa teessan keessaa nyaatanuu ti; ka isaan irraa hafe bineensi nyaatu ti. Muka woyni'ii keessanii fi muka ejersaa keessanille akkasuma godha'a.
12 «Guyyaa jaa hujii teessan hujadha'a; qotiyyoon teessan, harreen teessan, garbi mana keessan keessatti dhalatee fi alagaan isinii huju akka foorfatanu, guyyaa torbeesso'oo ammoo hujii hin hujina'a.
13 «Waan ani isinitti hime kana mara hubadha'a; maqaa waaqota dhibi'ii hin waammatina'a; maqaan isaanii afaan keessanille'ee hin bayin.
Jila Gugurdoo Sad
14 «Wogga'atti yennaa sad jila naaf jilifadha'a.
15 «Jila daabboo uukoo hin uukoonnee jilifadha'a; akkuma ani isin ajaje guyyaa torbeesso'oo daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a; ji'a biyya Gibxi'ii keessaa baatane waan te'eef, jila tana ji'a ‹Abibiib› jedhamu keessa guyyaa murteeffametti jilifadha'a.
«Nami tokkolle harka duwwaa na dura hin dhikaatin.
16 «Midhaan facaafattane ka mata'aa yennaa galfattanu, jila midhaan galfatiisaa jilifadha'a.
«Dhuma wogga'aa irratti mukoota fichaa keessan keessa jiranu irraa midhaan yennaa guurattanu, jila midhaan galfatiisaa jilifadha'a.
17 «Wogga'atti yennaa sad dhiirti marti Mootii Waan Maraa Goottaa dura dhikaattuu ti.
18 «Dhiiga ciinca'aa ka anaaf dhikaatu woliin waan uukoo qabu hin dhikeessina'a.
«Moorri yennaa jilaa kennansa ciinca'aatiif naaf dhikaatu haga bari'ii hin turin.
19 «Waan latti isiniif baache keessaa midhaan mata'aa ka irra caalaa dansa'aa ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif dhikeessa'a.
«Buruusoo re'e'ee aanan haadha isi'iitiin hin iffeelina'a.
Waada'aa Fi Gorsa
20 «Kunoo, karaa irratti akka isin eeguuf, gara addee ani qopheessee akka isin fiduuf, ani ergamaa isiniin dura ergeera. 21 Isin ifi eeggadha'a; dubbii isaalle qalbeeffadha'a. Isalle hin mormina'a; ani maqaa kiyyaan waan isa ergeef inni finqila keessan isiniif hin araaramu. 22 Waan inni jedhe akka dansaa yoo caqattane, waan ani ajaje maralle yoo tolchitane, ani diina keessaniif diina hin te'a; worra isin mormulle hin morma. 23 Ergamaan kiyya isiniin dura deemee gara lafa Amoorotaa, lafa Heetotaa, lafa Pheriizotaa, lafa Kana'aanotaa, lafa Hiiwotaa, lafa Yibusootaa isin hin geessa; anille isaan hin balleessa. 24 Isin waaqota isaaniitiif hin sagadina'a yookiin isaan hin waaqonfatina'a! Hujii isaaniille gula hin deemina'a. Waaqota isaanii balleessa'a; soodduu woyyittii isaaniille caccassa'a. 25 Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waaqonfadha'a; anille midhaanii fi bisaan keessan hin eebbisa; dhukkuballe odduu teessanii hin balleessa. 26 Lafa teessan keessa dubartiin ulfi irraa bawu yookiin maseenti hin jiraattu; bara jiruu teessaniille hin dheeressa.
27 «Ani diinota keessan akka na sodaatanu hin tolcha; kolbaa isin loltanu hin joonjessa; diinoti keessan marti akka isin dheetanu hin tolcha. 28 Ani worra Hiiwotaa, worra Kana'aanotaatii fi worra Heetotaa isin duraa ari'iisaaf soonsa itti hin erga. 29 Latti ontee bineensi akka isinitti hin bacanne, woggaa tokko keessatti isin duraa isaan hin ari'u. 30 Haga isin hortanee lafa qabattanutti diqqeessee diqqeessee isin duraa isaan hin ari'a.
31 «Meessaa keessan abbaayaa diintuu* irraa haga abbaayaa Filisxeemotaa, goomolee irraa haga laga Efraaxiisii hin godha. Ani kolbaa lafa san keessa leetu harka keessanitti dabarsee hin kenna; isinille ifi duraa isaan hin ariitan. 32 Isaan woliin yookiin waaqota isaanii woliin woli hin gondooratina'a. 33 Akka isaan lafa teessan keessa le'anu hin godhina'a. Yoo akkas gootane, isaan akka isin na irratti cubbuu hujjanu hin godhan. Isin waaqota isaanii yoo waaqonfattane, tiyyoo isinitti hin teeti» jedhe.
* 23:31 Abbaayaa diintuu: Afaan Ibrootaatiin abbaayaa allaadu'uu jedhama.